Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa idil addunyaatti hojii talaallii vaayrasii koroonaaf maallqani walitti qabame Doolara biiliyoona 10 darbe

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –Sadarkaa idil addunyaatti hojii talaallii vaayrasii koroonaaf maallqani walitti qabame Doolara biiliyoona 10 darbe.

Sadarkaa idila addunyaatti talaallii vaayrasii koroonaa argachuuf carraaqqi taasifamu deeggaruuf maallaqni walitti qabame Doolaara Ameerikaa biiliyoona 10.4 ga’uu Gamtaan Awurooppaa ibse.

Baatii dabarsinetti qindeessummaa Gamtaa Awurooppaan idil addnuyaatti hojii talaallii vaayrasii koroonaa barbaaduuf duula deeggarsa maallaqa ta’amuun ni yaadatama.

Preezdaantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Oorsuulaa Voon Deer akka ibsanitti hanga ammaatti maallaqni walitti qabame Doolaara Ameerikaa biiliyoona 10.4 dha.

Maallaqichi hojii talaallii, qorannoo fi namoota vaayrasichi irratti argame hojii qorannoo cimsuuf kan oolu ta’uu Gamtaan Awurooppaa beeksiseera.

Maddi፦ aljazeera.com

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.