Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa wabii nyaataa seeftineetii misoomawaa magaalaa Finfinneetin lammiilee kumni 40 ol fayyadamoo ta’aniiru

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Sagantaa wabii nyaataa seeftineetii misoomawaa magaalaa Finfinneetin lammiilee kumni 40 ol fayyadamoo ta’aniiru.

Sagantaa kanaan lammiileen galii akka argatanii fayyadaman taasifameera jedheera Waajjirri Prees Sakreetaariyaatii Finfinnee.

Lammiileen kanneen eegumsa naannoo, qonna magaalaa fi hojii qulqullinaarratti bobba’aniiru.

Lammiilee sagantichaan fayyadamoo ta’an 40,797 ala, barattoonni miseensa maatii fayyadamtootaa 60,348 ta’an meeshaalee barnootaa, sagantaa nyaataiin fayyadamoo ta’aniiru.

Bara 2009 Caamsaa keessa sagantichi ega eegalee kaasee marsaa sadiin loammiilee kumni 400 ol fayyadamoo ta’aniiru.

Marsaa jalqabaatin fayyadamoo kan turan kuma dhibba 1 fi kuma 23 keessaa bakka buutota kuma 29 filuudhan leenjiiwwan addaddaa fudhachaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.