Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan abbootii carraa marsaa 21ffaa ‘fudhadhaa, jijjiirradhaa, badhaafamaa’ gaggeeffame 

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC)- Baankii Daldalaa Ityoophiyaa sagantaa abbootii carraa marsaa 21ffaa ‘fudhadhaa, jijjiirradhaa, badhaafamaa’ gaggeeffameera.

Sagantichi bulchiinsa Lootarii Biyyoolessaatti  gaggeeffameera.

Saganticharratti hoggantoonni olaanoo hojii baankichaa, itti gaafatamtoonni bulchiinsa lootarii biyyoolessaa akkasumaas keessummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Kanaafis carraa 1ffaan lakkoofsa 7968156 konkolaataa mana ammayaa’aa Awtoomoobiil ta’eera.

Carraa 2ffaan konkolaattoota abbaa miilla 3 kan argamsiisuu lakkoofsa 7969118 fi 7959825 ta’u beekameera.

Carraa 3ffaan laaptooppii 20 kan argamsiisaan ta’uu ragaan baankicharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.