Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Afxiraa karaa nagaan xummuramuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Sagantaan Afxiraa daandirratti sirna hoo’aan gaggeeffame karaa nagaan xummuramuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiiseera.

Saganticharratti hawaasni Musiliimaa hedduun hirmaachuu komishinichi ibseera.

Sagantichi karaa nagaan akka xummuramuuf koreen qophichaa, hirmaattoonnii fi dursitoonni amantichaa qaamolee nageenyaa waliin tattaaffii taasiisan Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee galateeffateera.

Komishinichi Ayyaanni Iid Al Afxiriin Caamsaa 5, 2013 Kamisa dhufu kabajamus karaa nagaan akka kabajamu waamicha dhiyeessuu ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.