Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan cufiinsa dorgommii ogummaa biyyaalessaa 3ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Sagantaan cufiinsa dorgommii ogummaa biyyaalessaa 3ffaan gaggeeffamaa jira.

Dorgommiin kun qopheessummaa Ministeera Hojiifi Ogummaan mata duree “ Ogummaa Dorgomtummaaf” jedhuun guyyoottan shanan darbaniif gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u leenjistoonniifi leenjitoonni 267 ta’an dameewwan garaagaraan dorgomaa turaniiru.

Dorgommicharratti kalaqawwan teekinooloojii leenjistootaafi leenjitootaa dhaabbilee ogummaafi teekinikaa akkasumas interpiraayizootaan hojjetaman 103 ol daawwatamuu eerameera.

Kana malees hojiileen qorannoofi qo’annoo 10 ta’an dhiyaachuufi mariin paanaalii gaggeeffamuu ibsameera.

Dorgomtoota bu’aa fooyya’aa galmeessaniif sagantaan badhaasaafi beekamtii kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Sagantaa cufiinsaa kanarratti Ministira Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamil dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa argamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.