Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan haaromsaafi deebisanii dhaabuu hidhattoota ABUT marsaa jalqabaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Sagantaan haaromsaafi deebisanii dhaabuu hidhattoota ABUT marsaa jalqabaa guyyaa har’aa Magaalaa Maqaleetti eegaluu ibsame.

Saganticharratti Bakka Bu’aan Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaadeer Jeneraal Darribee Makuriyaa, bu’uura waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan Ityoophiyaatti nageenyi fooyya’aan bu’uu ibsaniiru.

Hidhattoonni nageenya kanatti fayyadamuun jireenya isaanii jijjiiruufi misooma naannichaafi biyyaarratti hirmaachuun nageenya uumame waaressuuf hojjechuu qabdu jedhan.

Mootummaan deeggartoota misoomaa waliin ta’uun gara jireenya idilee keessaniitti hanga deebitanitti deeggarsa barbaachisaa ni taasisa kan jedhan Birgaadeer Jeneraal Darribeen,warreen haaromsatti galan hanga dandamatanitti deeggarsi barbaachisaan kan taasifamuuf ta’uu dubbachuusaanii DhPI gabaaseera.

Bakka Bu’aan Hidhattoota ABUT Birgaadeer JKeneraal Migbaay Hayaalan gamasaaniin, sagantaa haaromsaa kana xumuruun gara hawaasaatti wayita deebitan humna misoomaafi nageenyaa ta’uu qabdu jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.