Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Konsartii Muuziqaa, Baazaarii fi agarsiisaa addabaabayii michummaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Imala guddaa gara biyyaa sababeeffachuun sagantaan Konsartii Muuziqaa, Baazaarii fi agarsiisaa addabaabayii michummaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Saganticharratti Ministira Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa Gabramasqal Caalaa, Ministira Turizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caalii, Ministira Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allebal dabalatee hoggantoonni mootummaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Sagantaa kanarratti oomishaaleen uffataalee Kal’oo, Abaaboon, Mi’eessituuwwanii fi Sibiiloonni biyya keessaa fi alaa gabaaf dhiyaachuu ibsameera.
Ministeera Daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa, Ministeerri Turizimii, Ministeera Indaastiri,Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun sagantaa kana qopheessuu ibsameera.
Agarsiisichi guyyoota shanan dhufaniif kan itti fufan ta’uu ibsameera.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.