Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan nyaata manneen barnootaa naannoolee Oromiyaa fi Afaar ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Sagantaa nyaataa manneen barnootaa  daa’immaan naannoolee Oromiyaa fi Soomaalee fayyadamoo taasiisu ifoomeera.

Sagantaa kanaaf Doolaarri miiliyoonni 28 kan qabameef yoo ta’u, daa’imman kuma dhibba 6 fi kuma 77 fi 247 fayyadamoo ni taasisa jedhame.

Sagantichi deeggarsa Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Ministeera Qonnaa Ameerikaatiin waggoota afuriif hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Ministeera Barnootaatti daayreektarri jeneraalaa fooyya’iinsa sagantaa manneen barnootaa obbo Yaasaabuu Birqinahi akka jedhanitti, sagantaan nyaataa manneen barnootaa biyyattiitti gaggeeffamaa jiru daa’immaan sababa rakkoon barnootaa ala akka hin taanee ni gargaara jedhan.

Sagantaan nyaataa naannoolee lamaan keessatti gaggeeffamaa jiru Faayinaasiin, teeknikaa fi kanneen biroon sagantaa muuxxaannoon bal’aan irraa argame ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa ibseera.

Sagantaa Nyaata Addunyaatti itti aanaan daayreektaraa Meeteek Maaj gama isaaniin, sagantaan nyaata addunyaa fi deeggartoonni isaa sagantaa nyaataa manneen barnootaa mootummaan Ityoophiyaa gaggeessaa jiru itti fufiinsaan kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbatichi Ministeera Qonnaa Ameerikaa waliin ta’uun waggoottan kurnan darbanitti Doolaara Ameerikaa miiliyoona 54 ola sagantichaaf deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Sagantaa kanaan daa’imman miiliyoonni 3 ta’an fayyadamoo ta’uu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.