Fana: At a Speed of Life!

Sagantichi Kibbatti barattoota kuma dhibba 2 fi kuma 72f nyaata dhiyeessaa jiraachuu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Sagantaan Nyaata Addunyaa naannoo Kibbaatti barattoota kuma dhibba 2 fi kuma 72f nyaata dhiyeessaa jiraachuu beeksise.
 
Sagantichi tamsa’ina vaayrasii koroonaatin dura yeroo manni barnootaa banaa turetti manneen barnootaatti barattootaf nyaata dhiyeessaa tureera.
 
Amma yeroo manni barnootaa cufaa jirutti barattootaa fi maatii isaanitiif nyaata mana manatti dhiyeessaa jiraachuu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksiseera.
 
Sagantichi akka beeksisetti midhaan dheedhii, mudraa, zayita nyaataa fi soogidda dhiyeessaa jira.
 
Dhaabbatichi yeroo rakkinaa kanatti deeggarsa kan taasiseef mootummaa Faransaay galateeffateera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.