Fana: At a Speed of Life!

Sammuu qaroo harka bombiin dhabe

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Bara 2008 boombii lafaa argee osoo gaggalaggalchee ilaaluu boombiin harkitti dhohuun qaama isaa irra miidhaa olaanaan ga’e.

Gara Hospitaalatti geeffamus, balaan irra gahe olaanaa ta’uu irraan harki isaa lamaan yoo irraa cite malee fayyuu akka hin dandeenye itti himame. Harki isaa lamaan irraa murame.

Maqaan isaa Boonsaa Abarraa jedhama. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejeree Ganda Qonnaan Bulaa Liitii Malkaa Qarree jedhamutti bara 1993 dhalate.

Boonsaan umriin isaa akkuma barnootaaf qaqqabeen Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Liitii Malkaa Qarree galuun barumsa isaa hordofuu jalqabe.

Boonsaan Abarraa, barnoota isaa nama haalaan hordofuu fi barataa cimee ture.

Hiree uumaa biraa dhufe hinkomatan. Boonsaan, osoo kutaa 4ffaa baratuu abbaan isaa oggaa jalaa boqotan, gahee maatii bulchuu abbaa isaa fudhatee, barnoota isaa barachaa obbolaawwan isaa osoo gaggeessuu, bara 2008 boombii lafaa argee osoo gaggalaggalchee ilaaluu boombiin harkitti dhohuun qaama isaa irraan miidhaa guddaa geessise.

Hospitaalatti geeffamus harkii isaa miidhame wal’aansaan kan fayyuu hinturre.

Yoo muramee malee fayyuu akka hindandeenye itti himuun harki isaa lamaan irraa murame.

Harki lamaan irraa muramus sammuun isaa qaroodha.

Barataa Boonsaa Abarraa qormaata Kutaa 8ffaatti qabxii olaanaa akka qabuu fi kutaa 9-11ffaatti daree isaarraa 1ffaa bahaa as ga’eera.

Yeroo ammaa kana Boonsaan Magaalaa Ejeree Ganda Cangaree Sookilee taa’ee deeggarsa qaamolee muraasaan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ejereetti barachaa jira.

Balaan Boonsaa guyyaa keessa mudateen kaayyoo isaarraa hindaangessine.

Harkaa qalleeyyummaan maatii isaas barnoota isaarraa duubatti hindeebisne.

Barataan Boonsaa Abarraa, qaamasaarraa miidhan gahe malee, sammuun isaa miidhamaa miti.

Qaroon kun ifaajiin inni jireenyaa fi hiree isaa murteeffachuuf har’a taasisu, boru of irra darbee biyyaaf illee abdii guddaa waan ta’eef, haa deeggarru.

Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Ejereerraa odeeffanne.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.