Fana: At a Speed of Life!

Sanada Tarsiimoo Ittisa Walitti Bu’iinsaa fi Ijaarsa Nageenya Biyyaalessaa irratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Sanada Tarsiimoo Ittisa Walitti Bu’iinsaa fi Ijaarsa Nageenya Biyyaalessaarratti bakka qooda fudhattoonni Federaalaa fi naannoolee argamanitti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Maricharratti Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii,hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee, miseensonni koree dhaabbii mana marichaa, Af Yaa’iiwwan naannolee hundaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Jijjiirama biyyaa itti fufsiisuun nageenyaa lammiilee mirkaneessuu fi walitti bu’iinsa sababoota adda addaan uumaman ittisuuf sanadni tarsiimoo ittisa walitti bu’iinsaa fi ijaarsa biyyaalessaa qophaa’uun isaa qooda olaanaa qabaachuu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.
Rakkoolee yeroo ammaa biyya muudatan furuuf sanadni kun qaamolee dhimmi ilaallatuun hojiitti akka hiikkatu taasiisuun dhimma xiyyeeffaannoon itti laatamuu qabu ta’uu kaasaniiru.
Sirna bulchiinsaa rakkoolee kanneeniif furmaata laachuu danda’an diriirsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.