Fana: At a Speed of Life!

Sanadni hangi fiixee Liqaa Mootummaa Federaalaa Ameerikaa akka ol ka’u eeyyamu ragga’e

Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ameerikaa sanada hangi fiixee liqaa Maallaqaa Mootummaa Federaalaa Ameerikaa akka ol ka’u heeyyamu raggaasiseera.

Manni marichaa sanadicha sagalee caalmaan raggaasiseera.

Sanadichi mallattoo Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidaniin wayita ragga’e hojiira oluun dura Seeneetii Ameerikaaf dhiyaachuun sagalee argachuu qaba jedhame.

Mootummaan biyyattii hanga bara Faranjootaa Waxabajjii 5, 2023tti hanga muummee liqaa kanaa ni murteessaan eegama.

Pireezidaanti Joo Baayidan sanadichi ragga’uun Ummataa fi Diinagdee Ameerikaaf gaarii ta’uu ibsaniiru.

Sanadichi saffisaan ragga’ee hojiirra akka oolu seeneetii gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.