Fana: At a Speed of Life!

Sanbatee Shaallaatti proojaktiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 74 olin ijaarramuufi

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Godina Arsii lixaa aanaa Sanbatee Shaallaatti proojaktiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 74 oliin ijaarsisuuf haaldureen xumuuramaa jiraachuu himamee.

Milkaa’ina ijaarsa proojaktichaafis qooda fudhattoonni marii taasisaa jiru.

Rakkoo bishaan dhugaatii jiraattoota naanniichaa furuuf proojaktiin waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii qulquullu dhaabaata “The Well In Action” keessaa kan hojjetan lammii Neewzerlaand addee Biirdeen ijaarsisuuf waadaa galaniiru.

Proojaktichi waggoota 3 keessaatti kan xumaramuu yoo ta’u, baasii Birrii miiliyoonaa 74 olin ijaaramuuf haldureen xumuraameera.

Baasii ijaarsa proojaktichaaf %85 dhaabbata “The Well In Action” fi %15 ammoo hawwaasa aanichaa dabalatee qaamoolee adda addaatiin kan ijaaramuu ta’us ibsameera.

Marii kana irratti kan argaman itti aanaan hoogganaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa obbo Mokkonnin Tarrafaa, galma ga’iinsa ijaarsa proojaktichaaf caasaan biirichaa sadarkaa sadarkaan jiruu deeggarsa barbaachisu ni taasisa  jedhaniiru.

Bulchaan Godina Arsii Lixaa obbo Dastaa Nageessoo,  %15  deeggarsa qaamolee adda addaa irraa eegamu yeroon akka sassaabbamuuf abbootii qabeenyaa dabalatee kutaa hawaasaa garagaraa wajjiin mariin kan adeemsifamu ta’uu himaniiru

Proojektichii ijaaramee wayita xumuramu aanoota Sanbatee Shaallaa, Shaashamannee fi Siraaroof kan fayyadu ta’un ragaan waajjira kominikeeshinii godina Arsii lixaarra argame ni mul’dhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.