Fana: At a Speed of Life!

Sangoonni fi hoolonni qalmaa ayyaana Iid Aalfaxiriif harka qalleeyiif kennaman

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Sangoonni fi hoolonni qalmaa tola ooltoota garaagaraarraa walitti qabaman kabaja Ayyaana Iil Aalfaxiriif harka qalleeyiif kennaman.

Guyyaa har’aa Sangoonni 20 fi Hoolonni 200 bakka itti aanaan Kaantibaa magaalaaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan argamanitti jiraattoota harka qalleeyiif rabsamaniiru.

Injiinar Taakkalaan hawaasni Musiliimaa harka qalleeyyi ta’an akka adda qooddataniif kennaa kana gumaachaniiru.

Dhaabbatta Qeerawwaniitti argamuun dargaggootaf laachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalichaarraa argame ni muuli’sa.

Injiinar Taakkalaan ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Sangoota 40 namoota humna hin qabneef arjoomuun isaanii kan yaadatamuudha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.