Fana: At a Speed of Life!

Saree rimaa qamalee guddiftuu dhabde guddisaa jirtu

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Hinditti sareen takka qamalee guddiftuu dhabde guddisaa jirti.

Haati qamalee xiqqoo kanaa jiraattonni naannichaa jaldeessaa fi qamaloota oomisharraa eeguuf tarkaanfii fudhataniin duutetti.

Sareen rimaa taate kunis qamalee guddiftuu dhabde kana kununsuu eegalteetti.

Qamalee xiqqoon kun wayita haati ishii dute umri guyyaa 10 turte.

Ergasii boodas firooma hin baratamneen sarittiin qamalitti kunuunsutti jirti.

Saree fi qamaleen uumamaan kan walii hin gallee yoo ta’an, walitti dhufeenyi lameenii garuu jiraattota naannichaa dinqisiseera.

Walitti dhufeenya lameenii suuraa kan kaase namni suuraa kasuu kan umriin isaa waggaa 48 Paariik Baadiil, jaalalli sarittii fi qamalee hedduu akka isaan dinqisiise ibseera.

Lameen garaagaraa fi kan wali hin gallee ta’anis sarittiin haadha ishii bakka bu’uufiin guddiisaa jirachuun ishee hedduu na dinqisiisera jedha.

Maddi:- Daily Mail

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.