Fana: At a Speed of Life!

Saroonni vaayrasii koroonaa fuunfatanii adda baasuu akka danda’u jedhame

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Saroonni leenji’an foolii dafqa namaa fuunfachuun vaayrasii koroonaa adda baasuu akka danda’an qorannoon mirkanaa’e.

Gareen qorannoo Firaansii fi Libaanoon yaalii qorannoo argataniin saroonni vaayrasicha adda baasuu akka danda’an mirkaneeffataniiru.

Yeroo ammaa Buufata Xiyyaaraa Beerut keessatti namoota vaayrasii koroonaatin qabaman adda baasuuf saroonni 20 leenjii fudhachaa jiru jedhameera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.