Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonii Poolaandiin Atleet Amdawarqi Waalelinyi Taaddasaa sadarkaa 3ffaan xumure

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonii addunyaa 24ffaa Poolaand Giidiiniyaatti gaggeeffameen Amdawarqi Waalelinyi Taaddasaa sadarkaa 3ffaan xumure.
 
Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoo addunyaa 24ffaan har’a Poolaand Giidiiniiyaatti Atleetoota dhiirootaa gidduutti sa’aa muraasa dura gaggeeffameen Atleetiin Ityoophiyaa Amdawarqi Waalelinyi Taaddasaa sadarkaa 3faan xumureera.
 
Dorgomicha Atleetiin Ugaandaa Jaakoob Kiipiliimoo sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Atleetiin Keeniyaa Kiibbiiwoot ammoo sadarkaa 2ffaan xumurera.
 
Atleetoonni Ityoophiyaa dorgommii kanarratti hirmaatan Li’uul G/Sillaase Alamee 5ffaan yoo xumuru, Haylemaariyaam Kiroos Kabbadaa sadarkaa 10ffaan xumureera.
 
Atleetoonni dhuunfanis ta’ee gareen 1ffaa hanga 6ffaa ba’an badhaasa kan argatan yoo ta’u, 1ffaan Doolaara kuma 30, 2ffaan Doolaara kuma 15, 3ffaan Doolaara kuma 10 ni badhaafamu.
 
Kanneen riikkardii fooyyeessan ammoo Doolaara kuma 50 ni badhaafamu jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.