Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonii Poolaandiin Atleet Yaalemzarf sadarkaa 3ffaan xumurte

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonii addunyaa 24ffaa Poolaand Giidiiniyaatti gaggeeffameen Atleet Yaalemzarf sadarkaa 3ffaan xumurte.
 
Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoo addunyaa 24ffaan har’a Poolaand Giidiiniiyaatti Atleetoota dubartootaa gidduutti sa’aa muraasa dura gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa sadarkaa 3ffaa, 4ffaa, 5ffaa fi 8ffaan xumuraniiru.
 
Dorgomicha Atleetiin Keeniyaa Jeepichirchir riikkardii iddichaa fooyyeessun sadarkaa 1ffaa yoo xumurtu, Atleetiin Jarman Meelaat Yisahaaq ammoo sadarkaa 2ffaan xumrteerti.
 
Atleetoonni Ityoophiyaa bakka bu’uun hirmaatan dubartootaan Yaalamzarf Yeewahaalaa Diinsaa 3ffaa, Zaynabaa Yimar Warquu 4ffaa, Abaabal Yeeshaanahii Brihaanee 5ffaa, Natsaannat Guddataa Kabbadaa 8ffaan xumuruu isaanii ragaan Federeeshinni Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Dorgommiin dhiirotaa yeroo ammaa gaggeeffamaa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.