Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetiksii Umrii waggaa 20 gadii xumurame

Finfinnee, Amajjii 28, 2015 (FBC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Ityoophiyaa Umrii waggaa 20 gadii 11ffaan xumurameera.

Shaampiyoonichaan gareen atileetiksii Baankii Daldala Ityoophiyaa qabxii waliigalaan injifachuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Dorgommiiwwan guyyaa har’aa gaggeeffamaniin fiigicha meetira kuma 5 dhiirotan Nibrat Kindeen Giddugala Atileetiksii Xurunash Dibaabaarraa 1ffaa, Mangistuu Amaaree naannoo Amaaraarraa 2ffaa akkasumas Yibalxaal Gaashaawu Mana Amala Sirreessaa naannoo Amaaraarraa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Dorgommii fiigichaa meetira 200 dubartootaan Raahel Tasfaayee Machaal irraa 1ffaa yoo baatu, Iyyaayyuu Makuwaanint Ityoo- Elektirik irraa 2ffaa, Muniiraa Tamaam Buna Sidaamaarraa 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Fiigicha meetira kuma 1fi 500 dhiirotaan Gammachuu Tolasaafi Ashannaafi Imaanaa naannoo Oromiyaarraa 1ffaa fi 2ffaa yoo ba’an Indaashaawu Rattaan Ityoo-Ispoort irraa 3ffaa ba’;eera.

Fiigicha meetira kuma 1fi 500 dubartootaan Mixxin Iwunatuu Ityoo-Elektirik irraa 1ffaa yoo baatu, Saamraawit Mulugeetaa Machaal irraa 2ffaa Daadhii Duubee ammoo Oromiyaarraa 3ffaa ta’uun xumuraniiru.

Dorgommii darbannaa eeboo dhiirotaan Saamu’eel Dabalaafi Taaddasaa Hiirbooyyeen  Oromiyaarraa 1ffaafi 2ffaa yoo ba’an Akoot Jams Giddugala Atileetiksii Xurunash Dibaabaarraa 3ffaa ba’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.