Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Kilaboota Oromiyaa marsaa 11ffaan eegalame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Kilaboota Oromiyaa marsaa 11ffaan har’a magaalaa Asallaatti eegalameera.

Shaampiyoonaa kanaan kilaboota Oromiyaa 18 irra Atleetonni 1,000 ol yoo hirmaatan, gosoota dorgommii fiigicha gabaabaa, giddugaleessaa fi gochaawwan dirreen guyyoota ja’an dhufaniif dorgomama.

Guyyaa jalqabaan dorgommiin gulaallii meetira 100, 400, 800 fi meetira 3000 koorniyaa lamaaninuu fiiggameera.

Atleetiksii Oromiyaa bakkatti deebisuuf magaalonni kilaboota Atleetiksiif deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qaban Itti Gaafatamtuun Biiroo dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa ibsaniiru.

Kaayyoon dorgommichaa Atletoonni naannoo Oromiyaa bakka bu’uun dorgommii Biyyaalessaa fi Idil Addunyaarratti hirmaatan horachuuf ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atleetiksii Oromiyaa Inistiraktar Shimallis Daawwit eeruu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.