Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa 26ffaan xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa 26ffaan olaantummaa godina Jimmaan goolabameera.
Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa 26ffaan torban tokkoof godinaalee Oromiyaa 16 fi magaaloota 8 ti hirmaachisuun magaalaa Laga Xaafoo Lafa Daadhiitti gaggeeffamaa turuun isaa ni yaadatama.
Shaampiyoonichi olaantummaa godina Jimmaatin kan xumuramee.
Godinni Jimmaan morkii taasiseen waancaa 6 argachuun 1ffaan goolabeera.
Xumura Shaampiyoonichaarrattii taphni qillee waancaadhaaf bulchiinsaa magaalaa Sulultaa fi godina Shawaa kaabaa gidduutti gaggeeffameen godinni Shawaa kaabaa injifachuun abbaa waancaa ta’eera.
Godinni Buunnoo Beddellee ammoo shaampiyoona kanarratti naamusaa gaarii agarsiiseen abbaa waancaa ta’eera.
Wal’ansoodhaan godinni Gujii morkii taasisee mara injifachuun milkaa’eera.
Sirna cufiinsa Shaampiyoonaa Ispoortii aadaa Oromiyaa 26ffaa kanarratti kan argaman komishinarri komishinii Ispoortii Oromiyaa obboo Naasir Huseen Ispoortii aadaa bu’uura Ispoortiin ammayyaa ta’uu kaasuun, Ispoorteessitoonni Shaampiyoonaa kanarratti qabxii gaarii galmeessaan tapha Ispoortii aadaa biyyaaleesarratti Oromiyaa bakka bu’uudhaan akka hirmaatan himaniru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.