Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan waancaa Awrooppaa bara Faranjoota 2020 sababa vaayrasii koroonaan waggaa tokkoof dheerachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Shaampiyoonaan waancaa Awrooppaa bara Faranjoota 2020 sababa vaayrasii koroonaan waggaa tokkoof dheerachuu ibsame.

Shaampiyoonaan waancaa Awrooppaa bara Faranjoota 2020 sababa vaayrasii koroonaan waggaa tokkoof dheeraffamuu Waldaan Kubbaa Miilaa Noorwaay beeksise.

Tattamsa’ina vaayrasii koroonaan walqabatee biyyoota Awrooppaa gidduutti bara Faranjootaa 2020 Waxabajjii 12 eegalee waldorgommiin gaggeeffamuuf ture gara waggaa dhufuutti akka darbu murtaa’eera.

Waldaan Federeeshinoota Kubbaa Miilaa biyyoota Awrooppaa 55, bakka buutonni kilabaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu murticha kan dabarsan walga’ii teelee konfiraansii gaggeessaniin jedhame.

Murtichi fudhatama kan argatu hojii raawwachiiftuun Waldaa Kubbaa Miilaa Awrooppaatti dhiyaate yoo ragga’edha jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.