Fana: At a Speed of Life!

Shaashimanneetti giddugallii ayisiitii gurmaa’ee Birrii miiliyoona 5n ijarrame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Magaalaa Shaashimanneetti giddugallii ayisiitii gurmaa’ee Birrii miiliyoona 5n ijarrame eebbifameera.

Giddugalichi kompiyutaroota 25 qaba jedhameera.

Itti aanaa dayreektaraa olaanaa  Inistityuutii Saayinsii fi Teeknooloojii naannoo Oromiyaa Dooktar Lijaalaam Ayyalaa, giddugalichi dargaggoota teeknooloojii waliin walbarsiisuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Giddugaloonni walfakkatoon shan naannichaatti kan ijaarramaan ta’uu kan ibsan, Dooktar Lijaaleem waliigala baasiin Birrii miiliyoonni 40 itti baafameera jedha.

Sirna eebbichaarratti Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti itti gaafatamaan damee siyaasa obbo Abarraa Warquu fi hoggantuun Biiroo hojjetaa fi hawaasummaa aaddee Jamiilaa Sinbiruun argamaniiru.

Xilaahunn Yilmaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.