Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan yakka ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan shakkamee to’annoo jala oole yakkicha raawwachuu amane

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Shakkamaan yakka ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamee to’annoo jala oole yakkicha raawwachuu isaa jecha Poolisiif laateen amanuu ibsame.
 
Shakkamaan yakka kana raawwachuu isaa amane, maatii isaaf eeggumsi akka taasifamu mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Araadaatti iyyaannoo dhiyeeffateera.
 
Dhimmi koos ariitiin murtee argachuu qaba jechuun gaafateera.
 
Manni murtichaa qorannoo poolisiin gaggeessee dhaggeeffachuun qaamolee gocha kana duuba jiran to’annoo jala oolchuu fi sanada qindeeffachuuf beellama dabalataa poolisiin guyyoota 14 gaafate keessaa qorannoo dabalataaf guyyoota 11 eeyyameera.
 
Shakkamaan biroo yakkicharratti hirmaate jedhame Abdii Alamaayahu har’a Xilahuun Yaamii waliin dhadhacha mana murtiitti dhiyaateera.
 
Manni murtichaa bu’aa qorannoo eeguuf Hagayya 12, 2012tti beellameera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.