Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni Ayyaana Cuupharratti yakka raawwachuuf qophaa’aa turan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Shakkamtoota Ayyaana Cuupharratti yakka raawwachuuf qophaa’aa turan to’achuu beeksise.

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee eeruu ummataa bu’uura taasiisuun qorannoo gaggeesseen namoota Ayyaana Cuuphaarratti badii garaagaraa raawwachuuf qophaa’aa turan to’annoo jala oolchuu beeksiseera.

Haaluma kanaan shakkamtoota ayyaana Cuuphaarratti yakkoota garaagaraa raawwachuuf qophiirra turan 205 to’annoo jala oolchuun qorachaa jiraachuu komishinichi ibseera.

Konkolaattooni sanada hin qabne yakkicha ittiin raawwachuuf qophiirra turan 3 shakkamtoota waliin to’atamaniiru.

Bifuma walfakkaatuun eeruu ummataan shakkamtoota ayyaanichaarratti jeequmsa uumuuf qophiirra turan 300 ol to’achuun dhimma isaanii qorachaa jiraachuu ibseera.

Shakkamtoonni kunneen meeshaalee sagalee hin qabnee fi shugguxoota seeraan alaa yakka ittiin raawwaachuuf qopheessan waliin to’atamuu ragaan Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.