Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni dabalataa ajjeechaa Haymaanoot Badhaadhaan shakkaman mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Shakkamtoonni dabalataa ajjeechaa Haymaanoot Badhaadhaatin shakkaman har’a Mana Murtiif dhiyaachuu himame.
 
Barattuun digrii lammaffaa Haymaanoot Badhaadhaa, Yuunvarsiitii Finfinneetti Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Aanbassaa keessatti baatii Caamsaa darbee ajjeefamuun ishee ni yaadatama.
 
Shakkamaan jalqaba to’annoo jala oole Daganatti Warquun ala Hoospitaala Speeshaalaayizdii Xiquur Aanbassaatii shakkamtoonni 8 Mana Murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Araadaatti dhiyaataniiru.
 
Shakkamtoota mana murtiif dhiyaatan keessa harki caalu waardiyyoota hospitaalichaa yoo ta’an, inni tokko garsaa barnootaa Haymaanoota ta’uu ibsameera.
 
Shakkamtoonni kunneen mirgi wabii akka eeggamuuf Mana murtichaa gaafataniiru.
 
Koomiishiniin Poolisii Finfinnee garuu qorannoo dabalataaf guyyoota dabalataa 14 gaafateera.
 
Manni murtichaas ajjeechaa Haymaanootirratti hirmaannaa shakkamtoonni kunneen qaban tokkoon tokkoo isaa poolisiin qoratee akka dhiyeessuuf guyyoota dabalataa 7 eeyyameera.
 
Ajjeechaa Haymaanotiin kan shakkame jiraataa magaalaa Arbaa Minc kan ta’ee fi dargaggoo waggaa 20 Dagginnat Warquu to’annoo jala ooluun isaa kan yaadatamuudha..
Shakkamaan kun Caamsaa 17,2012 gara hoospitaalichaa seenuun bilbila, paaspoortii, laaptooppii, cheekii Birrii kuma 5 abbaan ergee fi qabeenyashee biroo saamee halbeedhan ishee waraanuun miliqee ture.
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.