Fana: At a Speed of Life!

Sheer Kaampaaniin Priimayer Liigii Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 8 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Fulbaana 9, 2014 (FBC) – Sheer Kaampaaniin Priimayer Liigii Ityoophiyaa kilaboota jala jiran 18 waliin ta’uun Birrii miiliyoona 8 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiiseera.

Sirna walharka fuudhinsa deeggersichaarratti taphni Kubbaa miilaa hoggantoota Raayyaa Ittisaa fi Artistoota bebbeekkamoo gidduutti gaggeeffameera.

Sirna walharkaa fuudhiinsa kanarratti Preezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa obbo Isaayaas Jiraa, Bakka bu’aan Daayreektera olaanaa Indooktireeshinii Raayyaa Ittisaa Birgaadeer Jeneraal Asfaaw Maamacaa fi Daayreektarri olaanaan Qunnamtii Ummataa Koloneel Geetinnat Adaanee argamuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.