Fana: At a Speed of Life!

Shororkeessaan Alshabaab daangaa Ityoo-Somaliyaatti haleellaan raawwachuuf ture fashalaa’e

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Shororkeessaa Alshabaab naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Somaaliyaatti haleellaan raawwachuuf ture fashaalaa’uun eerame.

Gareen shororkeessaa Alshabaab guyyaa har’aa daangaa Ityoophiyaa fi Somaaliyaa naannawaa Doolootti gochaa shororkeessummaa raawwachuuf ture fashalaa’eera.

Garechi badanii balleessitoota bobbaasuun naannawichatti miidhaa qaqqabsiisuuf yaalii taasisullee Raayyaan Ittisaa Biyyaa milkaa’inaan fashaleesseera.

Miseensonni garichaas meeshaalee qabatanii dhufan waliin barbadeeffamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.