Fana: At a Speed of Life!

Siidaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2013 (FBC) – Siidaan Artiist Haacaaluu Hundeessaa eebbifame.

Yuunivarsiitiin Amboo Kampaasii Artiist Haacaaluu Hundeessatti kan ijaarsise siidaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Sirna eebba siidaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa irratti maatii, hiriyoonni fi keessuummoonni argamaniiru.

Preezdaantiin Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Taaddasaa Qana’aa siidichi Artiist Haacaaluu hundeessa yaadachuun kan ijaarame ta’uu himaniiru.

Dooktar Taaddasaan “ qabsoo inni bilisummaa ummaataaf taasise nu yaaddachiisa.” Jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.