Fana: At a Speed of Life!

Simmintoon seeraan ala daddabarfamaa ture kuntaallii kumni 22 ol to’atame

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Qajeelfama gurgutaa Simmintoo hojiirra oolaa jiruun ala Simmintoon karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture kuntaallii kumni 22 ol to’atamuu ibsameera.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa qaala’iinsa gatii Simmintoo tasgabbeessuuf qajeelfama Lakkoofsa 908/2014 baasee guutuu biyyattiitti hojiirra oolchuun kan yaadatamuudha.

Buu’uuruma kanaan magaalaa Finfinneetti Simmintoo karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture kuntaala kuma 22 fi 293 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibseera.

Hojii to’annoo fi hordoffii taasiifameen Simmintoo seeraan ala daddabarfamaa ture kanarratti tarkaanfiin fudhatamuu Hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Obbo Adam Nuur ibsaniiru.

Simmintoo to’atame keessaa Kuntaalli kumni 15 fi 179 Mootummaaf galii ta’uun gurguramuu ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Kuntaallii kumni 2 fi 226 ammoo seera qabeessummaan isaa mirkanaa’uun abbaa qabeenyaaf deebi’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.