Fana: At a Speed of Life!

Singaapoor ittisa weerara Covid-19’f saroota roobootii bobbaafte

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) –Singaapoor ittisa weerara Covid-19’f saroota roobootii bobbaafte.

Ittisa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee teeknooloojiitti dhimma bahuun milkaa’aa kan jirtu Singaapoor amma ammoo saroota roobootii bobbaafte.

Robootiiwwan Ispoot jedhaman kunneen paarkiiwwan keessatti namoonni qajeelfama walirraa fagaachuu hordofaa akka jiran to’atu.

“Waa balleessitee gaafa roobootiin saree si ari’u yaadi,” jedha lammiin biyyattii tokko.

Haa ta’u malee roobootiiwwan kunneen ammatti eenyuyyuu hin ari’an jedhameera.

Olii gadi deemanii viidiyoo waraabuufi ergaa namni akka walirraa siqu yaadachiisu dabarsuu qofa.

Kaameera lakkoofsa namoota naannoo isaa jiranii tilmaamus ofirraa qaba jedhameera.

Guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf kan bobbaafaman yoo ta’u sirnaan dalaguu isaanii mirkaneessuuf qondaalli poolisii waliin bobbaafama.

Akk gabaasa BBCtti karoorri fuulduraaf jiru ofumaan kophaa bobbaafamuu akka danda’udha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.