Fana: At a Speed of Life!

Sirna barnootaa hojiirra jiru jijjiiruuf hojjetamaa jira- ministeericha

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Sirna barnootaa hojiirra jiru jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Waggoottan sadan itti aananitti sirna barnootaa hojiirra jiru jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.

Bara barnootaa 2012 amma 2014tti sirna barnootaa hojiirra jiru jijjiiruuf karoorri barnootaa waggaa 10 qophaa’uu ministeerichatti daayreektarri daayreektoreetii qophii fi hojiirra oolmaan sirna barnootaa obbo Isheetuu Asfaaw ibsaniiru.

Sirna barnootichaarrattis ogeeyyii damichaa waliin waltajjiin marii gaggeeffameera.

Waltajjicharratti ogeeyyiin biiroo barnootaa guutuu biyyattiirraa walitti babba’an, itti gaafatamtoonni qophii fi hojiirra oolmaa sirna barnootaa, barsiisonni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa, bakka buutonni koolleejjii fi yuunvarsiitota leenjii barsiistotaa, qooda fudhattoonnii fi hoggansi ministeerichaa argamanitti gaggeeffameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.