Fana: At a Speed of Life!

Sirna daldalaa fi galii walitti qabuu keessatti rakkoowwan walxaxaa furuuf hojjetamaa jira –Aadde Adaanach

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Sirna daldalaa fi galii walitti qabuu keessatti rakkoowwan walxaxaa furuufi sirna lammiilee hunda fayyadamaa taasisuu uumuuf hojjetamaa jiraachuu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee deeggartootaa paartii badhaadhinaa fi hawaasa daldalaa bakka bu’aan kutaalee magaalaa adda addaa keessaa walitti babba’aan waliin mari’ataniiru.

Miseensaa hojii raawwachiistuu paartiichaa kan ta’aan aadde Adaanach Abeebee sirna daldalaa fi galii walitti qabuu keessatti rakkoowwan walxaxaan furuu fi waltajjii marii qophaa’eerratti sirna lammiilee hunda fayyadamaa taasisuu uumuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jijjiirramicha booda sadarkaa federaalaa fi magaalaa Finfinneetti hidaan dachaa Birriin biiliyoonni 90 ol haqameera jedhan.

Dabalataan sadarkaa biyyatti faayilli himata kumni 12 ol cufamuu fi kanneen keessa kumni 6 fi 700 kan magaalaa Finfinnee ta’uu ibsaniiru.

Daldalaa fi dameewwan biroorratti mootummaan carraa hojii uumuu fi jalqabdoonni akka guddataan taasisuuf hojiiwwan heddu hojjechaa jira jedhaniiru.

Hawaasni daldalaa humna jijjiirramichaa cina dhaabbachuun jijjiirramaa akka fiduu tattaaffii taasisuu, mootummaan seekteraa dhuunfaaf xiyyeeffannoon laatee haalan kan guddisuu ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.