Fana: At a Speed of Life!

Sirna faaynaasii hammataa babal’isuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan sirna faaynaansii hammataa babal’isuun dhaabbilee intarpiraayizii, giddugaleessaa fi xixiqqaa deeggaruun xiyyeeffannoon hojjetaa jirti jedhame.

Fooramiin diinagdee addunyaa mata duree ‘ga’ee sirna faaynaansii hammataa, intarpiraayizoota xixiqqaa, xiqqaa fi giddugaleessaa’ jedhuun Daavoositti gaggeeffameera.

Marichi faaynaansii hammataa biyyoota guddina irra jiran keessatti babal’isuuf galma qabame milkeessuuf ga’ee dhaabbilee xixiqqaa fi giddugaleessaa haala cimsuun danda’amu irratti xiyyeeffachuun gaggeeffameera.

Mootummaan Ityoophiyaa sirna faaynaansii hammataa babal’isuun humna dhaabbilee xixiqqaa fi giddugaleessaa guddisuuf xiyyeeffaannoon hojjechaa jiraachuu ministir deettaan Minsteera Maallaqaa FDRI Dooktar Iyyoob Takkaaliny fooramicha irratti ibsaniiru.

Galma sirna faaynaansii hammataa milkeessuuf walitti hidhamiinsi mootummaa fi damee dhuunfaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Waltajjicha haasawaan kan banan Mootiittiin Neezarlaand Maaksiimaan miira itti gaafatamummaa qabuu fi haala jireenya namootaa irratti hundaa’uun tajaajilli faayinaansii hunda ga’uu qaba jedhaniiru.

Ergamtuun addaa barreessaa olaanaa misooma faayinaansii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii; Maaksiimaan jila Ityoophiyaa waliin dhimmoota waloo irratti mari’ataniiru.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.