Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa Artiist Ayyalaa Maammoo raawwatame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Sirni awwaalchaa Artiist Ayyalaa Maammoo har’a waaree boodaa bakka maatiin, Firoottan, jalleewwan ogummaa fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti raawwateera.

Weellisaa fi barreessaan Yeeddaloo fi Walaloo Ayyalaan weelliftoota hedduuf Yeeddaloo hojjechuun laateera.

Ayyalaa Maammoo,Artiistii buleessa Sirba “Kaaliipsoo” jedhamuun beekama.

Kaaliipsoon akkaataa shubbisa biyyoota Kaariibiyaaniiti.

Ayyalaan Aartii Afaan Amaaraa qofa otoo hin taane,guddina Aartii Oromootiifis gumaacha guddaa fi dhalootaa gara dhalootaa darbu hojjeteera.

Ayyala Maammoo weellisaa,barreessaa,qindeessaa muuziqaa fi hayyuu muuziqaa aadaati.

Salaaleetti kan dhalate Ayyalaa Maammoo sirboota jaalatamoo Dooktara Kabajaa Artiist Xilaahun Gassasa afur barreesseera.

Isaanis, “Ani si malee maalan qaba”, “Bareedduu yaa magaala qalloo”, “Dammee maaloo qalbiin na dide” fi “Magaallee tiyya koottu yaa shoolee” fa’i.

Ayyala Maammoo meeshaa muuziqaa Maandooliin jedhamu taphachuudhaan beekkama.

Akkasumas bara 1950 eegalee Indaastirii Muuziqaa Ityoophiyaa keessatti nama gumaacha guddaa taasiiseedha.

Sirni awwaalcha isaa guyyaa har’aa waaree booda mana Amantaa Kaateediraalii Qulquulluu Sillaaseetti raawwatameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.