Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalchaa Jaal Galaasaa Dilboo Bitootessaa 24, 2014 kan raawwatu ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Sirni awwaalchaa Jaal Galaasaa Dilboo Sanbata dhufu, Bitootessa 24, 2014 Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Qulquulluu Sillaaseetti kan raawwatu ta’uu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibseera.
Jaal Galaasaan mana marichaatti itti aanaa walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastirii fi Albuudaa turan.
Jaal Galaasaan bara jireenya isaanii qabsoo gammoojjii Somaalee keessatti taasiifamaa ture keessatti dararaa fi gidiraa hedduu dabarsaniiru.
Jijjiirrama dhufe hordofee waamicha taasiifame fudhachuun waggaa sadi dura gara biyyaa deebi’uun isaanii kan yaadatamuudha.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Waxabajjii 14, 2014 gaggeeffameen godina Harargee Bahaa Bahaa aanaalee Malkaa Bal’oo, Gola Odaa fi Qumbiitti dhuunfan dorgomuun miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an nama jabaa turan.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.