Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwalchaa Alii Barkee raawwate

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Sirni awwaalchaa gooticha Kaarraa Maarraa fi miseensa duraanii raayyaa ittisa biyyaa Alii Barkee raawwate.

Sirni awwalchaa isaaniis Finfinnee Mana Amantaa Sillaasee Kaateediraalitti raawwateera.

Gootni Alii Barkee dhibee isaan mudateen wal’aanamaa turuun, umurii waggaa 72ffaatti boqochuun isaanii ni yaadatama.

Gootichi Alii Baarkee miseensa duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan turan yoo ta’u, umrii ijoollummaa isaaniin biyyaa irraa diina qolachuuf duuluu seenaan isaanii ni argisiisa.

Waraanni Somaaliyaa Ziyaad Baarreen hogganamu wayita Ityoophiyaa weeruuf dhufetti, gootota raayyaa ittisa biyyaa weeraricha qolachuuf duulan keessaa Alii Baarkee tokko turan.

Alii Baarkeen waraanaa sanarratti boombiidhaan diinarraa taankii booji’uun gootummaa isaaniin kan yaadatamaniidha.

Dassaalanyi Abarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.