Fana: At a Speed of Life!

Sirni Badhaasaa ‘Oskaar’ 95ffaan gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Sirni Badhaasaa Aartii ‘Oskaar’ jedhamuun beekamu 95ffaan gaggeeffameera.

Fiilmiin Saayinsaawaa “Everything everywhere all at once” fi fiilmiin seenaa waraanaa Afaan Jarmaniin dhiyaate “All Sky on the western front” dameewwan garaagaraan kaadhimamuun badhaasicha fudhachuun ibsameera.

Fiilmiin Saayinsaawaa “Everything everywhere all at once”, dameewwan garaagaraa sadiin badhaasicha fudhateera.

Akkasumas fiilmiin asoosamaa seenaa farra waraanaarratti xiyyeffachuun Afaan Jarmaniin hojjetame “All Sky On The Western Front” jedhamu dameewwan afuriin badhaasicha injifachuun eerameera.

Badhaasa ‘Oskaar’ baranaan Aartistoonni Eeshiyaa damee Taatoon kan kaadhimaman yoo ta’u olmaa kaleessaan kan umriin 60 Miisheel Yohii Eeshiyaarraa taatoo filatamtuu jalqabaa ta’uun badhasa ‘Oskaar’ kana injifachuu dandeesseetti.

Lammiin Veetinaam Kee Huy Kuwaan Fiilmii “Everything Everywhere All At Once” jedhurratti ga’umsa argisiiseen damee Gargaaraa Taatoon injifateera.

Dabalataanis Hindiin sirba dabaala fiilmiin, yeroo jalqabaaf kaadhimamuun badhaasa Oskaar injifachuu Aljaziiraan abaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.