Fana: At a Speed of Life!

Sirni baniinsaa taphoota Oolompikii Tookiyoo ifatti gaggeeffame

Finfinnee, Adooleessa 16, 2013 (FBC) – Sirni baniinsaa taphoota Oolompikii Tookiyoo 2020 ifatti gaggeeffameera.
Olompikii bara kana gaggeeffamurratti Atleetoonni biyyoota 205 keessaa waliitti babba’an kumni 11 ol ni hirmaatu jedhame.
Gosoota Ispoortii 33 dorgommiin ni gaggeeffama jedhameera.
Meedaaliyaawwan garaagaraa kumni 5 badhaasaaf qophaa’uus ibsameera.
Ityoophiyaan gosoota Ispoortii Atleetiksii, Bishaan Daakaa, Biskileettii fi Teekuwaandoon ni hirmaatti jedhameera.
Dorgomichi sababa sodaa weerara vaayrasii koroonaaf jecha daawwattoota dirree malee kan gaggeeffamu ta’uu himameera.
Atleetoonni dorgommii kanarratti hirmaatan guyyaa guyyaan qorannoon Covid – 19 kan taasiifamuuf ta’a jedhame.
Sirni baniinsaa har’a sa’aatii 8:00 irraa eegalee bifa hoo’aa ta’een gaggeeffameera.
Taphni Oolompikii Tookiyoo kun har’aa eegalee hanga Hagayya 2, 2013tti kan turu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.