Fana: At a Speed of Life!

Sirni beekkamtii laachuu tola ooltootaa bara 2012 fi sagantaan tola ooltummaa bara 2013 eegalchiisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Sirni beekkamtii laachuu tola ooltootaa bara 2012 fi sagantaan tola ooltummaa bara 2013 eegalchiisuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
 
Sagantaan beekkamtii laachuu kun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaan naannoo Oromiyaan kan qophaa’e yoo ta’u,naannichaatti tola ooltoota wayita gannaa hojii tola ooltummaarratti adda dureen himaatani, godinaalee fi magaalootaaf beekkamntiin kan laatamu ta’uu ibsameera.
 
Sagantaa kanarratti itti aantuu Preezdaantii naannoo Oromiyaa aadde Caaltuu Saanii dabalatee hoggannooni mootummaa olaanoon sadarkaa federaalaa fi naannoo argamaniiru.
 
Ganna darbe dargaggoonni fi dubartoonni miiliyoonni 9.5 hojii tola ooltummaa garaagaraarratti hirmaachaa turuu ibsameera.
 
Hojii Birrii biiliyoona 2.3tti tilmaamamu raawwachuu isaanii hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa naannoo Oromiyaa aadde Sa’aada Usmaan dubbataniiru.
 
Tajaajila kanarraa kutaan hawaasaa miiliyoona 31.3 ta’an fayyadamuu ta’uu isaanii eeraniiru.
 
Tizitaa Dassaalenyitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.