Fana: At a Speed of Life!

Sirni beeksisaa fi gurgurtaa Kitaaba dhaloota Ida’amuu godinaalee Oromiyaa garaagaraatti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) – Sirni beeksisaa fi gurgurtaa Kitaaba dhaloota Ida’amuu godinaalee Oromiyaa garaagaraatti gaggeeffameera.

Sirna magaalaa Naqamteetti gaggeeffameerratti hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa dabalatee hoggansi sadarkaan jiru, Abbootiim Gadaafi kutaaleen hawaasa garaagaraa argamaniiru.

Kitaabni Dhaloota Ida’amuus Birrii miliyoona 2.5 olitti gurgurameera.

Sagantaan Kitaaba dhaloota Ida’amuu beeksisuufi gurguruu Godina Buunnoo Beddellee Magaalaa Beddelleettis gaggeeffameera.

Godina Shawaa Bahaatti ammoo Birrii miiliyoona 60 olitti gurgurame.

Gurgurtaan Kitaabichaa Godina Harargee Bahaa, Lixaa fi Baaleetti sirna hoo’aa ta’een gaggeeffameera.

Galaanaa Tasfaa fi Waajjira Kominikeeshinii Godinaalee kanneenii.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.