Sirni ‘Cidha Kumee’ Dilbata dhufu gaggeeffama
Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)- Sirni ‘Cidha Kumee’ bara 2017 mata duree “Maatii Dhaabbachuun Biyya Ijaaruudha” jedhuun Dilbata dhufu kan gaggeeffamu ta’uun ibsame.
Sirna kanaaf Itiyoophiyaanota dabalatee misirroowwan biyyoota Afrikaa 43 galmaa’uun ibsameera.
Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Nafiizaa Almaahaadiin akka jedhanitti sirni ‘Cidha Kumee’ taatee hawaasummaa aadaa fi duudhaaleen daran akka mul’atan tumsuudha.
Sirni baranaa kun kan bara darbeerraa bifa addaan kan qophaa’e ta’uu kaasanii, misirroowwan biyyoota Afrikaarraa akka hirmaataaniif ministeerichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Miidhaaginni magaalattiitti misooma Kooriidariin uumame sirna ‘Cidha Kumee’ kanaaf gumaachaa akka qabaatu himaniiru.
Qiddisti Birhaanuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia