Fana: At a Speed of Life!

Adwaarratti walqixa waliin kufnee kaanee ummata gurraachaaf mallattoo injifannoo taane – Mufariyaat Kamiil

Finfinnee, Gurraadhala 23, 2013 (FBC) – Sirni cufiinsa waltajjii marii ‘Boqonnaa Abdii Haaraa’ guyyoota sadiif itti fufiinsaan taasiifamaa ture addabaabay Michummaatti gaggeeffameera.
Waltajjiin marii mata duree ‘Marii Ammayyaa Abdii Haaraa boruuf’ jedhuu qopheessummaa Ministeera Nageenyaan baatiwwan jahaan darbaniif guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa tureera.
Guyyoota sadan darbaniif ammoo itti fufiinsaan gaggeeffameera.
sirni guduunfaa marii guyyoota sadan dabaniif gaggeeffamaa ture har’a addabaabayii Michummaattin taasiifameera.
Sirna cufiinsaa kanarratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa aadde Ma’aazaa Ashaannaafii dabalatee Ministiroonni, Preezdaantoonni naannolee, abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Jaarsoliin biyyaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil haasawa baniinsaa taasiisaniin marii baatiwwan jahaan darban gaggeeffamaa ture irraa muuxxannoon bu’aa qabeessa ta’e argamuu ibsaniiru.
Mariin furmaata rakkooti kan jedhan aadde Mufariyaat Kamiil,garaagartee qabnu kamiiyyuu mariin furuun biyya waloo ijaaruuf hojechuu qabna jedhaniiru.
Adwaarratti walqixa waliin kufnee kaanee ummata gurraachaaf mallattoo injifannoo taaneerra jedhan aadde Mufariyaat Kamiil.
Waltajjii marii guutuu biyyaatti gaggeeffamaa ture kanarratti Ityoophiyaanoonni miiliyoonni 20 hirmaataniiru jedhan.
Waltajjii marii baatii jahaa fi guyyoota sadan darban itti fufiinsaan gaggeeffame keessatti adeemsi walkabajuu, waldhaga’uu fi wal hubachuu muul’ate afuurri Adwaa har’as jiraachuu agarsiisa jedhan Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen.
Dhaloonni kun miidhameera kan jedhuuf beekkamtii laatee,badii isaa amanee, dogongora isaarraa baratee araaraaf yoo of qopheessa qofa afuurri adwaa jira jechuun dandeenya jedhan.
Waliin mari’achuun rakkoo jiru furuuf qooda olaanaa qaba jedhan.
Ityoophiyaa, Ityoophiyaanoonnii fi Ityoophiwummaan bifaan, amantaan, aadaa fi duudhaan gargar kan ta’e miidhagina waloo ta’uu ibsaniiru.
Mariin eegalame cimee akka itti fufu hundi keenya deeggarsa nurraa eeggamu taasiisuu qabna jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.