Fana: At a Speed of Life!

Sirni Cuuphaa gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC ) – Sirni kadhanaa ayyaana Cuuphaa fi Cuuphaan iddoolee Cuuphaan raawwatuutti gaggeeffame.

Yadannoo Iyyasuus Kiroostoos laga Yoordaanoositti Cuuphame sababeeffachuun Ityoophiyaatti Amajjii 11 bara baraan ayyaanni cuuphaa bifa hoo’aa ta’een ni kabajama.

Guyyaa kaleessa Taaboonni ba’uun lageen sirni Cuuphaa itti raawwaturra buleera.

Har’a barii lafaa eegalee bakka hordooftoonni amantaa kiristiyaanaa hedduun argamanitti guutuu biyyattiitti sirni kadhannaa fi Cuuphaa gaggeeffameera.

Sirna kadhannaa fi Cuuphaa Hurufa Boombiitti gaggeeffamerratti paatiriyaaarikii mana amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Ityoophiyaa qulqulluu Abunee Maatiyaas, dureewwan mana amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Girikii, itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.