Fana: At a Speed of Life!

Sirni tajaajila elektirooniksii mootummaa Teelee-Birriin kaffalchiisuu danndeessisu eegalame

Finfinnee, Qaammee 4, 2014 (FBC)- Sirni tajaajila elektirooniksii mootummaa gama Teelee-Birriin kaffalchiisuu danndeessisu eegalamuu ibsameera.

Ministeerri Innooveeshiniifi Teekinooloojii, Ityoo-Telekoom, Ministeerri Dhimma Alaafi Boordiin Qabiinsaafi ooditii Maallaqaa tajaajila mootummaa gama oonlaayinii laataman sirna kaffaltii isaanii Teelee-Birrii waliin walitti hidhuuf waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Waliigaltichi sirni kaffaltii osoo addaan hin ciccitiin tajaajilli akka kennamuufi qindoominaan hojjechuu kan dandeessisu ta’uu ragaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojiirraa argame ni mul’isa.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa, Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo- Telekoom Aadde Fireehiwoot Taammiruu, Daayrektarri Dhimmoota Qontsilaa Jeneraal Ambaasaaddar Siiraaj Rashiidiifi Daayrektarri Olaantuun Boordii Qabiinsaafi oodiitii  Maallaqaa Hiikmat Abdallaa mallatteessaniiru.

Sirna kaffaltii tajaajiloota gama oonlaayinii laatamanii Teelee-Birrii waliin walitti hidhuun dhamaatii kan salphisu ta’uu Dooktar Ballaxaan ibsaniiru.

Ityoo-Telekoom Lammiileen sirna kaffaltii Teelee-Birriin bakka jiran taa’anii kaffaltii akka raawwatan taasisuun Ityoo-Telekoom dhamaatii lammiilee hambisuuf hojjechaa jiraachuu hojii raawwachiistuu olaantuun dhaabbatichaa Fireehiwoot Taammiruun eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.