Fana: At a Speed of Life!

Sirreeffamtoonni Hararii miliquuf turan adabaman

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Sirreeffamtoonni Mana Amala Sirreessaa Hararii miliquuf turan akka adabamana murtaa’e.

Sirreeffamtoonni kanneen Bitootessa 27,2012 balbala cabsuun miliquuf turan jedhameera.

Haaluma kanaan adabbiin hidhaa amma waggaa lamaa itti murtaa’era.

Sirreeffamtoonni biroo mana amala sirreessichaatii miliquuf yaalanis poolisoota eegumsarra turanitti dhagaa fi wantoota biroo darbachaa turaniiru.

Poolisiin sirreeffamtoota 28 sireewwan sibiilaa kutaalee ciisichaa isaanitii baasanii caccabsan irrattis qorannaa taasisaa tureera.

Haaluma kanaan Manni Murtii Sadarkaa 1ffaa Naannoo Hararii sirreeffamtoota kanneenirratti hidhaa waggaa 1 fi baatii 8 amma waggaa lamaa itti murteessera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.