Fana: At a Speed of Life!

Sirreeffamtoota 1,559f dhiifamni godhame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa sirreeffamtoota 1,559f dhiifamni taasifamuu beeksise.
 
Haati Alangee Waliigalaa Federaalaa aadde Adaanach Abeebeen akka beeksisanitti, sirreeffamtoonni har’a dabalataan dhiifamaan akka gadhiifaman murtaa’e, buufataalee poolisii kan turan, manneen sirreessaatti ragaan isaanii murteef yeroon qindaa’ee kan hin dhiyaannedha.
 
Hojiilee ariifachiisaa turaniin dhimma dhiifamaa sirreeffamtoota kanneenii, kanaan dura dhimma namoota dhiifamaan gadhiifaman waliin ilaalun hin danda’amne ture jedhan.
 
Boordiin Dhiifamaa dhimma isaanii qulqulleessee, preezdaantii riippabliikichaatin raggaasisuudhan murtee dhiifamaa laatame jedhan aadde Adaanach.
 
Namoota dhiifamni godhameef keessaa 1,511 dhiira yoo ta’an, 48 ammoo dubartoota.
 
Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa sababii weerara vaayrasii koroonaatin sirreeffamtoota 4,011f dhiifama gochuusaa yaadachiisaniiru.
 
Dhaabbilee daldalaa daballii gatii hin malle taasisan 15,000 ol irratti tarkaanfin fudhatameera.
 
Dhaabbileen 424 ammoo to’annaa jala oolanii qorannaan irratti tasaifamaa jira.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiin tursa addaa fi meeshaalee yaalaa guutuu hojjetamaa akka jiru kan himan aadde Adaanach, tursoonni addaa namoota kuma 80 ol keessummeessuu danda’an 180 qophaa’aniiru jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.