Fana: At a Speed of Life!

Siyyuum Masfiinii fi Abbay Tsaahayyee dabalatee hoggantoota juuntaarratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC)- Siyyuum Masfinii fi Abbay Tsahaayyee dabalatee hoggantoota juuntaarratti tarkaanfiin fudhatameera.
Itti gaafatamaan qajeelcha humna waraanaa Birgaaderaal Jeneraal Tasfaayee Ayyaalew akka beeksisanitti, raayyaan ittisaa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroon qindoominaan hooggantoota garee juuntaarratti tarkaanfii fudhachuu himaniiru.
1.Obbo Siyyuum Masfin- Ministira Dhimma Alaa fi waraanicha kan hogganaa turan akkasumas raayyaan bakkaa bakkatti akka hin sochoone kan taasisan, dhumarrattis raayyaa Ittisaa biyyaarratti waraanni akka banamu ajaja kan keennan.
2. Obbo Asmallaash Walda Silaasee- hogganaa olaanaa Juntaa kan turan.
3. Obbo Abbay Tsahaayyee – Hogganaa olaanaa Juntaa kan turan.
4. Koloneel Kiroos Hagoos- Raayyaa Ittisaa kan ganee eegdoota isaanii waliin barbadaa’aniiru.
Hooggantoota tarkaanfii irratti fudhatamee dabalatee to’annaa jala kan oolan
1. Koloneel Gabra Masqaal Gabra Kidaan – Raayyaa Ittisaa kan ganee
2. Koloneel Fissaahaa Birhaanee – Raayyaa Ittisaa kan ganee
3. Koloneel Zaree’abaruk Taaddasa – Raayyaa Ittisaa kan ganee
4. Komaandaar Gabra Kidaan Asaggidoom-Ajaja Kutaa waraanaa Humna addaa kan ture
5. Obbo Maabrihitoom Kindee Haayluu hogganaa faayinaansi dhaabbataa hojiiwwan bishaanii naannoo Tigraay kan turan to’anno jala olaniru.
Birgaadeer Jeneraaal Tasfaayee Ayyaalew ergaa dabarsaniin gareen juuntaa holqa keessatti dhokatani jiran karaa nagaan harka akka kennatan waamicha dhiheessaniru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.