Fana: At a Speed of Life!

Sochii babal’ina Invastimentii guddisuuf, Investaroota haaraa fi buleeyyii simachuuf mootummaan qophii guddaa qaba – Preezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Sochii babal’ina Invastimentii guddisuuf, Invasteroota haaraa fi buleeyyii simachuuf mootummaan qophii guddaa qaba jedhan Preezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Warshaa Kookaa Kollaa Magaalaa Sabbataa Ganda Diimaatti Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba1’n ijaarame eebbisiisaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee gama diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa akka biyyaatti jiru hir’isuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti tumsa barbaachisu taasisaa jiraachuu Preezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Dabalataanis, naannoon Oromiyaa gidduu gala invastimentii akka taatuuf, Invasteroota haaraa fi buleeyyii simachuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Biyyattiin guddina diinagdee karoorfattee hojjetaa jirtu bira qaqqabuuf Invastimentii, daldalaa fi Indaastiriif xiyyeeffannoo kennitee hojjetaa jiraachuu kan eeran Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malakuu Allebal, hojiin hojjetameen bu’aan argamaa jiru waan karoorfatame bira qaqqabaa jiraachuu keenya agarsiisa jedhaniiru.
Waarshaan Kookaa Kollaa Damee Sabbataa kun Waarshichaaf isa shanaffaa yoo ta’u, carraa hojii baay’ee uumuu kan kan danda’uudha jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.