Fana: At a Speed of Life!

Sochii konkolaattota fe’umsaa jajjaboorratti fooyyessi sa’aatii taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Sochii konkolaattota fe’umsaa jajjaboorratti fooyyessi sa’aatii taasifame.

Fooyyessa sa’aatii haaraa kanaan konkolaattonni fe’umsaa jajjaboon ganama sa’aa 1:00 – 3:00n ala, waaree booda sa’aa 10:30 – 12:00n ala akka socho’an murtaa’era.

Fooyyessichi kan barbaachise dhaabbileen ijaarsaa daangaa sochii sa’aatii kaa’amee tureen rakkachuu beeksisuu isaanitiini.

Fooyyessi taasifame bifa sochii tiraafikaarratti dhiibbaa hin uumnen kan taasifameedha jedhameera.

Seera amma ammaatti tureen konkolaattonni fe’umsaa jajjaboon guyyaa guyyaa; ganama sa’aa 4:00 amma sa’aa 10:00 qofa ture socho’uu kan danda’an.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.